Fana: At a Speed of Life!

Dhimma Kormaa lukkuu mana murtii waldhaabe

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Kaaba Naayijeeriyaa Magaalaa Kaanoo keessatti “Kormaan Lukkuun iyyuun hirriba na dhowwe” jechuun ollaan walii mana murtii waldhaabaniiru.

Manni Murtii Naayijeeriyaa koomii dhiyaate hordofee abbaan lukkuu, kormaa lukkichaa hanga Jimaataatti akka qalu ajaja kenneera.

Malaam Yuusuf, abbaan kormaa lukkuu, ayyaana “Good Friday” yookaan ‘Jimaata qulqulluu’ jedhamuun beekamurratti firoottan isaa afeeruuf lukkicha akka bite eeruun, ayyaanichi hanga ga’utti yeroon akka kennamuuf mana murtii gaafateera.

Abbaan Murtee mana murtichaas gaaffii Malaam Yuusuf simachuun kormaan lukkichaa naannawaa ollaatti akka hindhiyaannee fi iyyuun jiraattota akka hinjeeqne akeekkachiisa kenneera.

Yuusuuf akkaataa waadaa galeetti Jimaata dhufu kormaa lukkichaa qaluun akka sooratu, yoo hintaane ammoo adabbiin mana murtii akka eeggatuun abbaan murtee hubachiiseera.

Manni murtichaa, murtee kana haa dabarsu malee, Naayijeeriyaa naannawaa garaagaraatti loowwanii fi lukkuuwwan mana keessa tursiisuun akka yakkaatti kan ilaalamu ta’uu AFP
wabeeffachuun gaazexaan Uganda Daily Monitor gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.