Fana: At a Speed of Life!

Dhimmi Hidha Haaromsaa mariidhan akka hiikamu Chaayinaan deeggarsa kan itti fuftu ta’uu beeksiste

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts dhimma Hidha Haaromsaarratti garaagartee isaanii mariidhan akka hiikan Chaayinaan deeggarsashee kan itti fuftu ta’uu beeksiste.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira Dhimma Alaa fi Steet Kaawunsilii Chaayinaa Waang Yuu waliin bilbilaan mari’ataniiru.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuun akka beeksisanitti dhimmi hidhichaa mariidhan akka dhumu barbaaddi.
 
Ministiroonni lamaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi dhimmoota idil addunyaarratti mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti hojii hojjechaa jirtu dinqisiifatanii, sochii ittisaa Ityoophiyaan itti jirturrattis ibsa laataniiru.
 
Dhimma Hidha Haaromsaarratti yaa’ii ariifachiisaa hoggansa Gamtaa Afrikaa; waamicha dura taa’aa yeroo Gamtaa Afrikaa Siriil Raamaafoosaan gaggeeffamerratti ibsa laataniiru.
 
Hoggansi gamtichaas dhimmi hidhichaa dhimma Afrikaa waan ta’eef, fala Afrikaa kan barbaadu akka ta’e kallattii kaa’uu isaanii obbo Gadduun beeksisaniiru.
 
Haaluma kanaan mariin guutinsa bishaanii fi bulchiinsaa torbeewwan lamaan itti aananitti kan xumuramu ta’uu beeksisaniiru.
 
Gamtichi dhimmicha ilaaluu jalqabuu Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitif akka ibsamu murtaa’uus eeraniiru.
 
Chaayinaanis deeggarsa barbaachisaa kan taasistu ta’uu Waang Yuun ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.