Fana: At a Speed of Life!

Dhimmi Hidha haaroomsaa faayidaa biyyaaleessa Ityoophiyaa tuqu marii kamiifuu hin dhiyaatu jedhame

Finfinnee Amajjii 8, 2012 (FBC) – Ministeeroonni Bishaanii,Jallisii fi Iinerjii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi dhimma hidha haaroomsa irratti guyyoota lamaaf mariin dhumaa Ameerikaatti taasisaa turan bu’aa qabeessa ta’uu ibsame.

Bu’aa marii fi ejjennoo Ityoophiyaa ilaalchisee Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw fi Ministirri Bishaan, Jallisii fi Iinerjii FDRI Dooktar Injiiner Silaashii Baqqalaa guyyaa kaleessaa Imbaasii Ityoophiyaa Waashingitan DC ibsa laataniiru.

Qabxii  dhimma Hidha haaroomsaa faayidaa biyyaaleessa Ityoophiyaa tuqu irratti mariif  hin dhiyaanne, gara fulduraattis hin dhiyaannu jedhan ibsa isaaniin.

Hidha haaroomsaa ilaalchise waliigaaltee fi mariin kana booda taasifamu mirga Ityoophiyaan hidhaalee biroo ijaaruuf qabdu kan hin tuqnee jedhan.

Kana dura mariin akka harkifatuuf akka sababaatti wanti ka’aa ture haala guuttama bishaanii biyyoota yaa’a gadii waliin haalli walqabataa ture marii kanaan furamuu danda’eera jedhaniiru.

Ijaarsi hidha haaroomsaa yeroo ammaa bifa gaariin itti fufuu isaa fi hojiin isaa ariitiin akka xumuramuuf gama mootummaan murannoo olaanaan jiraachuu dubbataniiru.

Ijaarsi isaa yeroo xumurameettis humna maddisiisuu qofa osoo hin taane hawwata turiiziimii fi horsiisa qurxummiiif kan oolu ta’uus ibsaniiru.

Mariin teeknikaa fi dhimmi seera waliin qalqabatu ogeeyyii damichaan muuxxannoo olaanaa fi quuqqama biyyaa qabaniin gaggeeffamaa akka jirus dubbataniiru.

Ijaarsi hidhichaa yeroo xumurameetti rago gaarii biyyattii kan ijaaruu, dhageettii fi beekkamtii ishee sadarkaa olaanaan kan dabaluudha jedhan.

Ityoophiyaan ejjennoo sirrii qabattee hanga jirtuutti dhiibbaan mariin irra ga’u tokko illee akka hin jirre ibsaniiru.

Xumura bara kanaa hojiin bishaan guutuu kan eegalamu yoo ta’u, waggaa 4 hanga 7tti guuttamee ni xumurama jedhaniiru.

Mariin taasiifamaa jirus faayidaa Ityoophaa dabarsanii laatuuf osoo hin taane, lagni abbayyaa daangaa ce’aa waan ta’eef biyyoota yaa’a gadii waliin walitti hidhamiinsaan guddachuuf ejjennoo biyyattiin qabdu irra kan ka’eedha jedhan.

Hidha haaroomsaa ilaalchisee miidiyaaleen, Xinxaaltoonni, Aktiivistoonni, barreessitoonni fi kanneen  biroo odeeffannoo, gabaasa fi ragaa qabatamaa irratti hundaa’uun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa hidhicha ilaalchisee shakkii keessa akka hin galle ragaa  sirrii akka argataniif  haqa jiru irratti hundaa’nii hubannoo barbaachisu laatuu akka qaban qaamoolee kanneeniif waamicha dhiyeessaniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.