Fana: At a Speed of Life!

Dhimmi obbo Mishaa Adam bakka isaan hin jirretti laalame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Dhimmi obbo Mishaa Adam bakka isaan hin jirretti laalame.
 
Manni murtii obbo Mishaan obbo Jawaarif saatalaayitii biyya alaatii gale dhaabuu fi dhoksuun himannaa irratti baname bakka isaan hin jirretti laalera.
 
Diriirsi sarara teelekoom seeran alaas dabalateeti obbo Mishaa Adam kan himatame.
 
Obbo Mishaan iyyannoodhan wabii Birrii kuma 20tin akka hiikaman eeyyamamee kan ture yoo ta’u, har’a bakka isaan hin jirrretti manni murtichaa dhimma isaanii laalera.
 
Abukaatonni obbo Mishaa 2 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii dhaddacha Lidataa beellama yeroo 1ffaatti bakka dhiyaatanitti dhimmicha ilaalera.
 
Maallaqni wabiidhaf gaafatame kaffalamus maatidhaan akka wal hin ga’in, bakka jiran akka hin beekinis ibsaniiru.
 
Manni murtichaas akkaataa abukaatonni jedhaniin ajajni laatame maalif akka raawwatamuu dhabe, maamilli isaanii poolisii Oromiyaatif dabarfamuu fi dhabuu, hiikamuu fi dhabuu isaarratti Poolisii Federaalaatti Biiroon Qorannaa Yakkaa ibsa akka laatu Fulbaana 11,2013tti beellama qabeera.
 
Poolisiin Oromiyaatis deebii akka laatu ajaja laatera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.