Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessiin qamadii dhaabbilee idil addunyaatin caalbaasidhaan dhiyaachaa ture jijjiirramuufi

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Eejansiin Tajaajila Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa hojimaata dhiyeessii qamadii dhiyeessitoota idil addunyaatin calbaasiin raawwatamaa ture jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu ibse.

Adeemsa dhiyeessii si’eessuuf hojii bittaa mootummaan mootummaadhaf ittiin dhiyeessu hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira jedhan daayreektarri olaantuun ejansichaa aadde Tsiwwaayee Mulunah Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisaniin.

Adeemsa bittaa kana milkeessuuf gareen Ministeera Maallaqaan gaggeeffamu kan hundaa’e yoo ta’u, garichi qulqullina, hammaa fi bifa qamadii Yuukreen, Raashiyaa fi Awustiraaliyaa ilaalchisuun daawwii tasiseera jedhan.

Aadde Tsiwwaayeen waajjira seektara garagaraan qamadiin ajajame gara biyyaatti galaa jiraachu eeraniiru.

Kana keessaa qamadiin adeemsa bittaarratti argamu kan Koorporeeshinii Hoji Daldalaa Ityoophiyaa meetrik toonii kuma dhibba 4, Koomiishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa meetrik toonii kuma 200, Ministira Qonnaa meetrik toonii kuma 1 fi kuma 55 ta’uu kaasaniiru.

Mahaammad Aliitu gabaase.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.