Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii fi raabsaa xaa’oo biyyee irratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) –Ministeerri Qonnaa dhiyeessii fi raabsaa xaa’oo biyyee irratti hojii qindoominaa naannoolee waliin hojjeturratti marii gaggeesse.
Ministeerra Qonnaatti Daayrektarri Dhiyeessii Galteewwan Qonnaa raawwii bara oomishaa 2012/13 hojiirra oolmaa dhiyeessi fi raabsaa xaa’oo biyyee fi qophii duraa bara oomishaa 2013/14 maal ta’uu akka qabu irratti naannoo Oromiyaa waliin marii gaggeesseera.
Ministeera Qonnaatti ministirri Deettaa damee qonnaa fi biittaa galteewwan oomishaa aadde Aynaalam Nigusee qonni diinagdee Ityoophiyaaf bu’uura ta’uu eeruun damicha teeknooloojiin deeggariin barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.
Ministeerra Qonnaatti Daayrektarri Dhiyeessii Galteewwan Qonnaa obbo Mangiistuu Tasfaa yeroo kamiyyuu caalaa dhiyeessiin xaa’oo biyyee bara oomishaa 2012/13 bu’aa qabeessa akka ta’e ibsaniiru.
Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen wantoonni hudhaa ta’an jiraatus, isa duraan darberra hojii fooyya’aa hojjechuuf dandeetti qabnutti fayyadamuu qabna jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.