Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii tajaajiloota bu’uuraarratti qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan deeggartoota misoomaa waliin ta’uun lammiilee caalaatti fayyadamtoota taasisuuf dhiyeessii taajaajiloota bu’uuraa waliin ga’uuf qindoominaan hojjechuu barbaachisa jedhame.
Waltajjiin marii dhiyeessii tajaajilaalee bu’uuraa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa gaggeeffameera.
Waltajji kanarratti Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Saamarataa Sawaasawu, sagantaalee tajaajiloota bu’uuraa hojiirraa oolan dhiyeessii jiru fooyyessuu fi itti gaafatama bulchiinsaa mirkaneessuuf jalqabbiiwwan abdii qabeessa ta’an jiraatanis, caalaatti lammiilee fayyadamtoota taasisuuf, qindoomina qaamolee dhimmichi ilaalatuu barbaachisaa jedhaniiru.
Waltajjiiwwan marii darbaniin rakkoolee eeraman irratti hojjechudhaan bu’aalee hedduun galmaa’uu kaasaniiru.
Haqa qabeessummaa tajaajilaalee bu’uuraa lammiilee hundaan ga’uuf tattaaffii mootumman taasisuu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Waggoottan darban dhiyeessiin tajaajilaalee bu’uuraa mootummaa federaalaa, deeggartoota misoomaa, naannolee fi aanaaleetti, barnoota, fayyaa, daandii baadiyyaa, qonnaa fi bishaan dhugaatii akkasumaas qulqullina dhuunfaa fi naannawaa babal’isuu fi sadarkaa isaa eeggatee akka itti fufuuf sagantaa misoomaa hojiirraa oolaa ture ta’uu ragaan Ministreeraa Maallaqaarra argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.