Fana: At a Speed of Life!

DhMG lammilee Turkiitti miidhaan irra ga’eef deeggarsa Doolaara biiliyoona 1 gaafate

Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Turkiitti kirkira lafaan lammiilee miidhaan irra ga’e miiliyoona 5 ol deeggaruuf Doolaara biiliyoona 1 gaafateera.

Turki Kibbaa fi Sooriyaa Kaabaatti balaa kirkira lafaa mudateen lammiileen Turkii kumni 36 ol fi lammiilee Sooriyaa kuma 5 fi 800 lubbuun darbuu gabaasaaleen ni argisiisu.

Torban darbe Turkiin kan daawwatan Qindeessan Deeggarsaa Hatattamaa fi Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Maartiin Giriiftiiz, lammiileen Turkii miidhaa jechaan ibsuun ulfaatuuf saaxilamaniiru jedhan.

Yeroo kanatti lammiilee Turki cinaa dhaabbachuun deeggarsa akka argatan taasisuu qabna jedhaniiru.

Turkitti hanga Roobii darbeetti namoonni hedduun jijjiga gamoo jalaa lubbuun argamanis yeroo amma lakkoofsi namootaa balicha jalaa lubbuun hafanii hir’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Lammiileen turki gamoowwan sadarkaa isaanii eeggatan, kirkira lafaa dandamachuu danda’an ijaaramuu dhabuutti miidhaa qaqqabeef Misoomaa Magaalaa Turkii qeeqaa jiraachuun ibsameera.

Mootummaan Turki diigamuu gamoowwaniiif namoota gaafatamoodha jedhee shakke irratti qorannoo gaggeessuuf waadaa kan gale yoo ta’u namoonni kumni 100 ol to’annoo jala akka oolan ajajni kennamuu CGTN gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.