Fana: At a Speed of Life!

Dhukkubsattoota vaayrasii koroonaa wallaanuuf haaldureen xumuramaa jira

Finfinnee, Gurrndhala 12, 2012 (FBC) – Dhukkubsattoota vaayrasii koroonaa wallaanuuf haaldureen xumuramaa jiraachuun himame.

Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Qidduus Pheexroos dhukkubsattoota vaayrasii koroonaaf wallaansaa fi hordoffii olaanaa barbaadan simatee wallanuuf haalduree xumuraa jiraachuu beeksiseera.

Hospitaalichi vaayrasiin koroonaa tasa gara biyyaa yoo gale dhukkubsattoota vaayrasichaaf saaxilaman simaatee yaaluuf Ministeera Fayyaan filatamuunsaa ni yadatama.

Kanaafis hoospitaalichi meeshaalee yaalaa fi giddugala turtii dhukkubsattoota 5 adda baasuun qopheessuusaa hoji gaggeessaa olaanaan hoospitaalichaa Dooktar Taammiruu Asaffaa ibsaniiru

Haaluma kanaan kutaa addaa keessa kan hojjetan hojjettoota 40 dhimma vaayrasichaan walqabatee fi of eeggannoo duraaf leenjiin hubannoo uumuu keenamaa jira jedhaniiru.

Hoospitaalonni Finfinneetti argaman 13 daandii qilleensaa Ityoophiyaa fi buufata baaburaa keesssatti kan hojjetan hojjettota kuma 5 vaayrasichaa duursanii ittisuuf alkoolii harka qulqulleessu, kutaa qorichaa filuun qorichoonni rabasamuu ragaan fuulaa Feesbuukii hospitaalichaarraa argannee ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.