Fana: At a Speed of Life!

Diinagdee cimaa fi fayya qabeessa ijaaruun xiyyeeffannoo jalqabaa mootummaa hundaa’uu ta’uu qaba jedhame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti diinagdee cimaa fi fayya qabeessa ijaaruun xiyyeeffannoo jalqabaa mootummaa haaraa hundaa’uu ta’uu akka qabu Itti aanaan Komishinii Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Namarraa Gabayyoon ibsaniiru.
Mootummaan fulbaana 24,2014 hundeeffamu waggoota 3 darban biyyattiitti jijjiirama gama maraa galmeessuu isaa ibsaniiru.
Yeroo ammaas biyyattiitti diinagdee cimaa fi hunda fayyadamoo taasisu ijaaruuf riifoormiiwwan garaagaraa bocuun qabatamaa taasisuuf socho’aa jiraachuu eeraniiru.
Diinagdee cimaa karoorfame saffisiisuu fi hojii dhabdoota hedduuf carraa hojii uumuu kan danda’an Proojektoonni gurguddoon eegalamuus Dooktar Namarraan ibsaniiru.
Mootummaan proojektiiwwan eegalaman kanneen xumuruun cinatti rakkoo guddina diinagdee kan ta’e qaala’iinsa jireenyaa hambisuuf kan hojjetu ta’uu fi carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannoo kan laatu ta’uu himaniiru.
Mootummaan hanqina sharafa alaa furuuf sochii taasiseen shaqaxa alaatti ergamanirratti xiyyeeffannaa kennuu isaatiin bara darbee bu’aa gaariin galmaa’uu ibsaniiru.
Bara kanas bu’aa argame itti fufsiisuun cinatti invastimantii alaa harkisuu fi carraa gama indaastirii oomishaatiin jiru haala itti fayyadamuun danda’amurratti hojii bal’aan karoorfamuu ibsaniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.