Fana: At a Speed of Life!

Diinagdee duula birmadummaa baachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jira – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(FBC) – Diinagdee duula birmadummaa baachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.
Damee Qonnaa fi Manufaakcheriingii utubaa diinagdee biyyattii ta’eef xiyyeeffannoo kennuun kan hojjetamu ta’uu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa Salamaawiit Kaasaan ibsaniiru.
Bara oomishaa 2013/14 lafa hektaara miiliyoona 13 misoomsuu callaa kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 74.5 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 12 misoomuu eeraniiru.
Qamadii jallisiin lafa hektaara kuma dhibba 4 irratti oomishuun callaa kuntaala miiliyoona 16 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Damee Manufaakcheriingitiin baatiwwan 4’n darban Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 69.4 argachuuf karoorfamee Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 57.4 argamuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawiit Kaasaan dubbataniiru.
Yohaannis Darribootu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.