Fana: At a Speed of Life!

Diinagdeen addunyaa bara 2021 % 6 guddina ni agarsiisa –  Dhaabbata Maallaqaa Idila Addunyaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Diinagdeen addunyaa bara Faranjootaa 2021 keessa kan dandamatu ta’uu  Dhaabbanni Maallaqaa Idila Addunyaa beeksiise.

Dhaabbatichi gabaasaa haaraa baaseen Diinagdeen addunyaa bara 2021 % 6 guddina ni agarsiisa jedheera.

Bara 2022tti % 4.4, bara 2026tti % 3.3 guddina akka agarsiisuu dhaabbatichi tilmaameera.

Bara Faranjootaa 2020 sababa weerara vaayrasii koroonaan diinagdeen addunyaa % 3.5 gadi bu’uu gabaasichi ibseera.

Biyyoonni guddatan guddina diinagdee % 5.1, Ameerikaan ammoo % 6.4 guddina agarsiisuu akka dandeessu dhaabbatichi tilmaama isaa kaa’eera.

Biyyoonni guddinarratti argaman bara 2021tti % 6.7 guddina olaanaa galmeessiisuu danda’u jedhame.

Biyyoonni Saahaaraa gadii qaala’iinsa gatii bara Faranjootaa darbe % 10.8 irra ture bara 2021tti gara % 9.8tti  hir’isuu akka danda’an ibsameera.

Ityoophiyaan qaala’iinsa gatii bara Faranjootaa darbe % 20.4 irra ture bara 2021tti gara % 13.1  hir’isuu akka dandeessuu gabaasichi ibseera.

Sudaanitti ammoo qaala’iinsi gatii bara Faranjootaa darbe % 163.3 irra ture bara 2021tti gara % 197.1  ol guddachuu akka danda’u himeera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.