Fana: At a Speed of Life!

Diinagdeen Ityoophiyaa bara kana % 7.5 ni guddataan eegama – Ministeera Pilaanii fi Misoomaa

Finfinnee, Amajjii 22, 2015 (FBC) – Diinagdeen Ityoophiyaa bara kana % 7.5 kan guddatu ta’uu raawwiin hojii Diinagdee Gooroo baatiwwan jahan darbanii mul’ise.

Gamaaggamni raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Gabaasni raawwii hojii Diinagdee Gooroo dameewwan gurguddoo dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Bara darbe Diinagdeen Ityoophiyaa % 6.4 guddina agarsiisuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan gabaasa dhiyeessaniin eeraniiru.

Bara baajataa 2015 kanattis Diinagdeen biyyattii % 7.5 guddachuu akka danda’u raawwiin hojii baatiwwan jahaan darbanii dhiyaate kan akeeku ta’uu himaniiru.

Dameen Qonnaa guddina kana itti fufsiisuuf adda duree ta’uu eeruun, damichi baatiwwan jahaan darban % 6.7 guddina agarsiisuu himaniiru.

Dameen Qonnaa daldalaa alaa tumsuun guddina Diinagdee Gooroo Ityoophiyaaf qooda olaanaa gumaachuu kaasaniiru.

Dameen Indaastirii waggoottaan lamaan darban dhiibbaa keessa ture bara kana raawwii gaarii galmeessuu dubbataniiru.

Damichi baatiwwan jahaan darban qormaatilee jiran dandamachuun % 8.2 guddina galmeessuu eeraniiru.

Maddoota galii Taaksii fi taaksiin alaarraa baatiwwan jahaan darban galiin biyya keessaa Birriin biiliyoonni 222 argamuu kaasaniiru.

Daldalli alaa hanga tokko hir’ina argisiisuus, damicharraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.8 argamuu himaniiru.

Walakkaa waggaa kanatti Invastimantii kallattii doolaara biiliyoona 1.9 baasu hawwachuun danda’amuu dubbataniiru.

Baatiwwan jahaan darban waliigala lammiilee miiliyoona 1.5 oliif carraa hojii uumuun danda’amuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.