Fana: At a Speed of Life!

Diinagdee Maakroo Tasgabbaa’aa uumuun rakkoo hojii dhabdummaa hiikuuf ni hojjetama jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti Diinagdee Maakroo tasgabbaa’aa uumuun rakkoo hojii dhabdummaa fi qaala’iinsa jireenyaa hiikuuf kan hojjetamu ta’uu Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsan.
Hoggansii fi hojjettoonni Ministeera Hojii fi Kalaqaa hojiilee yeroo itti aanaan raawwatamanirratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Ityoophiyaatti Diinagdee Maakroo tasgabbaa’aa uumuun rakkoo hojii dhabdummaa fi qaala’iinsa jireenyaa hiikuuf kan hojjetamu ta’uu Aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.
Dameewwaan Diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasaan jijjiirrama qabatamaa fiduuf kan hojjetamu ta’uu kaasaaniiru.
Keessattuu rakkoo hojii dhabdummaa hiikuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Lammileen dandeettii qabaniin naannoo biyyattii kamiiyyuutti hojjechuun bu’aa qabeessa akka ta’an ni taasiifama jedhan.
Ityoophiyaatti beekkumsii fi kalaqni dorgomaa akka ta’uuf humna namaa bu’aa qabeessa ta’e oomishuun toora xiyyeeffannoo olaanaa ta’uu eeraniiru.
Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa furuuf hojimaata haaraan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.