Fana: At a Speed of Life!

Dilbata boruu Fulbaana 10, 2013 Finfinnee dameelee filatamanitti tajaajila ni kenna

Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC) – Dilbata boruu Fulbaana 10, 2013 Finfinnee dameelee filatamanitti tajaajila ni kenna.

Baankiin daldala Itiyoophiyaa, raabsaa birrii haaraa sababeefachuun, Dilbata boruu Fulbaana 10, 2013 Finfinnee dameelee filatamanitti, tajaajila kan kennu ta’usaa beeksiseera.

Ityoophiyaan yeroo jalbabaaf Birrii nootii abbaa 200 hojiirra olchiteetti.

Abbaa 10, 50 fi 100 kan duraan turan haaraatti jijjiirtee jirti.

Birriin jijjiiramuun faayidaaleen isaanii:-

 

. Qulqullina olaanaa waan qabaniif, Birrii foorjidii ittisuuf

 

. Birrii karaa seeraan alaatiin, ummata keessa socho’u walitti qabuu fi qaala’insa gatii to’achuuf gargaara.

 

. Bittaa fi gurgurtaa karaa elektironiksiin jiru jajjabeessa

 

. Qaroo dhabeeyyiin  salphumatti Birriiwwan haaraa kana adda baafachuu danda’u .

Kanumaan walqabatee, tajaajilamtoonni Birrii moofaa haaraatti hanga kuma 5 tti jijjiirrachuu kan danda.an ta’uu baankichi ibseera.

Isaa ol garuu gara lakkoofsa herrega keessaniitti galii kan gootan yoo ta’u, yoo lakkoofsa herregaa hin qabaanne immoo waraqaa eenyummaa qabachuun lakkoofsa herregaa banachuu qabdu jedheera.

Kaayyoo jijjiirraa Birrii haaraa kana milkeessuuf, maamiloonni gocha seeran alaa ittisuun yeroo jedhame keessatti Birrii keessan jijjiirrachuu qabdu jedheera .

Baankii Daldala Ityoophiyaatu beeksise.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.