Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaa fi naannoo Harariitti sagantaan torbee galateeffannaa fi beekkamtii ogeeyyii fayyaa gaggeeffame

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa fi naannoo Harariitti sagantaan torbee galateeffannaa fi beekkamtii ogeeyyii fayyaa gaggeeffameera.
Torbeen galateeffannaa fi beekamtii hojjattoota Kunuunsaa fi ogeeyyii Fayyaa Bulchinsa magaalaa Dirree Dawaa haala ho’aa ta’een gaggeeffameera.
Sirna galteeffannaa kana irraatti hoggantuun Biiroo Eeggumsa Fayyaa Dirree Dawaa Aadde Lamlam Bazaba oggeeyyii Fayyaa warreeggama qaalii kaffalan galatteeffataniiru.
Oggeeyyiin Fayyaa Lubbuu isaanii duula COVID 19 irraatti dhaban yoomiiyuu kan yaadataman ta’uu Kaantibaan Bulchinsa magaalaa Dirree Dawaa obbo Ahimad Mahammadbuh ibsaaniru.
Naannoo Harariittis torbeen beekamtii fi galateeffannaa hojjattootaa fi ogeeyyii fayyaaf kennamee jira.
Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Naannoo Hararii obbo Ibsaa Ibraahim hawaasni naannichaa ittisa vaayrasii koronaa irratti of eeggannoo taasisuu akka qabu dhaamaniiru.
Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii ogeeyyiin fayyaa weerara vaayrasii Koronaa ittisuu keessatti lubbuu hawaasaa baraaruuf hanga aarsaa lubbuu kaffaluutti ga’ee olaanaa ba’uu isaanii galateeffataniiru.
Taajuu Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.