Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaan yaalii tajaajila geejiba biskileettii eegalte

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa yaalii tajaajila geejiba biskileetii ifatti eegalchistetti.

Magaalichatti tajaajila geejibaa fayyaarratti dhiibbaa hin qabaatinii fi filannoof mijatu hawaasa biraan ga’uuf yaaliin tajaajila geejiba biskileetii guyyaa har’aa hojiirra oolfameera.

Ministir deettaan Ministeera Geejibaa aadde Muluu Gabra’igzi’aabheer, itti aanaan kantiibaa magaalaa Dirree Dawaa obbo Ahimad Buhii, itti aanaan daayreektara Abbaa Taayitaa Geejiba Federaalaa obbo Abdulaaziiz Shamsuu fi hoggantoonni biroon bakka argamanitti tajaajilichi ifatti eegaleera.

Aadde Muluun geejibicha deeggaruuf qooda fudhattoonni ga’ee isaanii akka ba’atan dhaamaniiru.

Yeroo dhiyootti tajaajilli geejiba mootora malee Dirree Dawaa, Finfinnee, Bahir Daar, Maqalee fi Hawaasaatti ni eegalama.

Kanaan dura geejibichi magaalaa Finfinneetti eegalamus bu’a qabeessa akka hin turre ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.