Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaatti maallaqnii biyyoota garagaraa kan seeraan alaa socha’uuf yaadame to’atame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Hordoffii qaamoleen nageenya bulchiinsa Dirree Dawaa tasiisaniin maallaqnii biyyoota garagaraa kan seeraan alaa socha’uuf yaadame to’annoo jalaa oolu ibsame.

Dhimma kanaan namoonnii shakkamaan afur to’annoo poolisii jalaa ooluun dhimmi isaanii seeraan ilaalamaa jiraachus ibsameera.

Ittii Aanaan Kaantiibaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadiir Jawar ibsa laataniin daddabaarsii maallaqaa kan seeraan alaa kun diingdee biyyaa irraattii miidhaa cimaa dhaqabsiisuu waan daanda’uuf, namoota yakkaa akkana raawwatan hawaasnii yeroo arguu saffisaan eeru poolisiif laachun gahe isaa bahachu qabaa jedhaniiru,

Maallaqoota to’annoo jalaa oolaan keessaa Doolaraa Ameerikaa Kuma 8 fi 611

Maallaqa Kaanadaa Kuma 1 fi 250

Riyaala Saawud Araabiyaa 165

Yuuroo 745

Birrii Ityoophiyaa Qaarshii Kuma Dhiibaa 900 fi kuma 44 fi 110

Maallaqonii biyyoota biroo baayy’een to’annoo jalaa oluu ragaan Komishinii Poolisii Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa irraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.