Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspoorawwan Ameerikaarraa dhufan Aanaa Kombolchaatti Hospitaalaa Walii galaa ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Diyaaspoorawwan Ameerikaarraa gara biyyaa dhufan Godina Harargee Bahaa Aanaa Kombolchaatti Hospitaalaa Waliigalaa ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’anniiru.

Ijaarsi Hosphitaalli hanqina dhaabbilee fayyaa hawaasaa Aanichaa fi aanaalee ollaa jiruuf furmaata kan laatu ta’a jedhame.

Ijaarsa Hosphitaalichaaf Diyaaspoorawwan Hawaasaa Ameerikaa Kaabaa bakka bu’uun dhagaa bu’uuraa kan ka’an obbo Farahaan Ahimad hosphitaalli asitti ijaaramuu rakkoo sababa hanqina dhaabbilee fayyaan hawaasaa keessaa banee furuu bira darbee boqonnaa sammuus kan nuuf laatudha jedhan.

Diyaaspoorawwan Aanaa Kombolchaatti hojii fakkeenyummaa gaarii qabu hojjechuu eegale Preezdaantiin Yuunvarsiitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yusuuf ibsaniiru.

Yuunvarsiitiin Haramaayaas ijaarsaa Hospitaalichaaf deeggarsaa ogummaa barbaachisaa ta’e kan taasisuu ta’uu waadaa galaniiru.

Hospitaalli Waaliigalaa “Maaltii Ispeeshaaliitii Hosphitaal “jedhamuun Diyaaspooraan Aanaa Kombolchaatti ijaaramuuf Dhagaan bu’uuraa kaa’amee kun Lafa hekataaraa 1.7 irra kan qabatu fi Sireewwan 300 ol of keessatti hammachuu danda’a jedhame.
Birrii miiliyoona Dhibba 3 oliin kan ijaarramu ta’uus himameera.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.