Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooronni biyya alaa jiraatan deeggarsa Ityoophiyaaf taasisan cimsanii akka itti fufan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan deeggarsa biyya isaaniif taasisan cimsanii akka itti fufan waamichi dhiyaate.

Qorannoon ga’ee Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa dippiloomaasii, nageenyaa fi misooma Ityoophiyaarratti qabanii fi filannoowwan Invastimantii magaalaa Goondar irratti qopheessummaa magaalichaa fi Yuunvarsiitii Goondariin gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, miseensonni diyaaspooraa fi qaamolee dhimmi isaa ilaallatu biroon argamaniiru.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan wayita Ityoophiyaan dhiibbaa dippiloomaasii cima keessa seentee turtetti biyya isaaniif sagalee ta’uun hojii boonsaa hojjechuu Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoo ibsaniiru.

Sosochiin giddu seentummaa hin malle dandamachuuf taasifame Ityoophiyaarra darbee ajandaa Afrikaanotaa taasisuun danda’ameera jedhan.

Diyaaspooronni gama siyaasaa fi dippiloomaasiin alatti damee diinagdee fi hawaasummaanis deeggarsa olaanaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan deeggarsa biyyasaaniif taasisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Eeliyaas Aannimuuttu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.