Fana: At a Speed of Life!

Diyeegoo Maradoonaa umrii waggaa 60tti boqate

Finfinne, Sadaasa 17, 2013 (FBC)- Taphaataa Arjantiinaa fi leenjisaa garechaa kan ture Diyeegoo Maradoonaa umrii waggaa 60tti boqateera.

Maradonaan dhibee onnee tasaan manasaa keessatti lubbuunsaa darbeera.

Seenaa kubbaa miilaa keessatti taphaataa beekamaa kan ture Madoonaan bara 1986tti Arjantiinaan waancaa addunyaa injiffatte dursaa garichaa ture, sana booda taphoota ciccimmoo adda addaa agarsiisuun itti fufe.

Kilaaboota Baarseloonaa fi Napooliifis taphaateera.

Maraadoonaan taphoota Arjantiinaaf taphate 91 irratti gooliiwwan 34 galcheera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.