Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Aanaa Aqaaqiitti daawwannaa taasiisan

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Muumeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad godina addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqiitti daawwannaa taasiisaniiru.
Jilli Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu godina addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee,Aanaa Aqaaqiitti qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwateera.
Daawwannaa kana irratti Preezdaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee aanga’oonni mootummaa biroon argamanii jiru.
Naannoo Oromiyaatti lafti hektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 30 jallisii boneen qamaniin uwwafamuun hojii jajjabeessaa ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.
Ityoophiyaatti waggaa waggaan qamadiin kuntaalli miiliyoona 45 hanga miiliyoona 50 kan oomishamu yoo ta’u, biyyattiin kan barbaadu kuntaala miiliyoona 60 hanga miiliyoona 65 ta’uu Ministeerri Qonnaa ibsuun isaa kan yaadatamuudha.
Sababa kanaan mootummaan waggaa waggaan qamadii kuntaala miiliyoona 15 hanga miiliyoona 20 alaa galchuuf dirqamuu ibsameera.
Mootummaan waggoottan sadan darbanitti fedhii kana guutuuf qamadii biyya keessatti oomishuun kan alaa galu hambisuuf xiyyeennoon hojjechaa jiraachuu himeera.
Siifan magarsaatiin.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.