Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad af gaaffii miidiyaleef laataan yeroo qalbeeffaannatti akka hin dabarree ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad af gaaffii tibbaa kana miidiyaaleef laataan yeroo qalbeeffaannatti akka hin dabarree Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa yaadachiiseera.

Daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Mahaammad Idiiriis, af gaaffichi hojiiwwan mootummaarratti xiyyeeffatee fi kakaasii filannoo akka hin taanee beekamuus yeroo qalbeeffannaatti darbu hin qabu jedhaniiru.

Mootummaan filannoo baranaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa haqa qabeessaa, ifaa fi diimookiraatawaa akka ta’uuf ejjeennoosa agarsiiseera jedhan.

Har’arra eegalee miidiyaalee hawaasaan darbe darbe duullii nu filadhaa gaggeeffamuu fudhatamaa waan hin qabnee dhaabbachuu qaba jechuun ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.