Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga guyyaa goototaan isin gahee dabarsan

Finfinnee, Eebila 26, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga guyyaa goototaan isin gahee dabarsaniiru.

Guyyaan kun yaadannoo gootonni keenyaa biyyatti wareera Xaaliyaanii waggaa shanirraa bilisaa baasaanidha. guyyaa kana wayita yaadannuu goototaa keenyaarra wantootaa 3 barataa jirra. Inni jalqabaa hunda caalaa biyya dursu, wayita sana gootonni turan hundi bulchiinsa mootiitti kan gammadan, kan waldhaggeeffatanii fi kan waldeeggaran turan jedhaniiru.

Bulchiinsa mootummaarratti komii kan qaban, kan dhiibamaan, maloota bulchinsaa filannoowwan addaa addaa kan dhiyeessaa turaniiru. mootiirrattis hokkoraa kaasaa turaniiru jedhan.

Mooticha waliin kan wal hin jaallannee Ityoophiyaa to’achuuf yaalaniiru. Yaa ta’uu malee gootonni hundi kabaja, jalaalaa fi walabummaa biyyasaaniif eejjennoo qabu turan.

Komii fi adda addummaan isaanii bulchiinsa mootummaa waliin malee biyyasaanii waliin hin turree. kanarraan kan ka’ee birmadummaa biyyasaaniif osoo boodatti hin deebi’iin walabummaa biyyasaanii kabachiisuuf duulaniiru.

Gatiin biyyaaf kaffalamuu homaallee akka hin gaafannee lammiin hundi biyya isaaf gatii akka kaffaluuf gootonni kunneen barnoota nuf ta’u jedhan.

Gootonni keessaa fi alaa qindoominaan sabaa, afaanii fi amantiin osoo wal hin qoodiin biyyasaaniif tokkummaan dhabbataniiru.

Nuti ijoollee gootota kanneeniti. Ityoophiyaan gatii baroota dheeraaf itti kaffalamee biyya as geessedha.Gatii yeroo itti aanuu kan kaffalaan ijjooleesheeti.akka gootota haadholii abbootii keenyaatti hunda caalaa biyyaa keenya ni dursina.

Kana irraa ka’uun Birmadummaa isaanii dabarsanii osoo hin kenniin,Faayidaa baandaatiif osoo hin jilbeeffatiin bilisummaa biyya isaanii eegsisuuf bosona mana koo jedhanii duulanii jiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.