Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad hawaasni Raayyaa ittisa Biyyaaf dhiiga akka arjoomu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Adooleessa 29, 2013 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad hawaasni Raayyaa ittisa Biyyaaf dhiiga akka arjoomuu fi manneen harka qalleeyyii akka haaromsuu waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Abiy fuula Twiitara isaaniirratti akka ibsaniitti, hawaasni raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga akka arjoomuu fi manneen harka qalleeyyii haaromsuun ashaaraan magariisaa akka ka’aan waamicha dhiyeessaniiru.

Kanarra darbees oomishtummaan qonnaa guddachuu akka qabu kaasaniiru.

Hojiilee biiroo keenyaa humnaafi yeroo dabalataa kenninee haa hojjennu jedhan.

Mata mataatti waan nurraa eegamuu ol kan gummachinu taanaan waan hundumtuu ni sirrata jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.