Dooktar Abiy Ahimad Turkitti maal dubbatan?
Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC)-Mootummaan Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa naannawaa fi qajeeltoo fayyadamummaa walootti akka amanu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dubbatan.
Karra galaanaa argachuuf gaaffiin Itiyoophiyaan gaafatte nagaa fi fayyadamummaa waloo akka mirkaneessuudha kan ibsan.
Dooktar Abiy waliigalteen mootummaa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti taasifame ilaalchisuun wayita waliigaltechaatti haasawaa taasisaniin biyyoonni lameen afaanii fi aadaa waloo kan qaban obbolaadha jedhan.
Biyyoota dhiigaan walitti hidhaman ta’uu hubachiisanii, mootummaan Somaaliyaas shororkeessitoota ittisuuf tattaaffii taasisu tumsuuf Itiyoophiyaanonni kumaatamatti lakkaa’aman wareegama kaffaluu yaadachiisan.
Walitti hidhamiinsa naannawaa fi qajeeltoo fayyadamummaa walootti kan amanu motummaan Itiyoophiyaa waggoottan ja’an darbanitti walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu fi nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa akkasumas guddina nannawichaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aa hojjechuu eeran.
Nagaa fi guddinni fedhii waloo naannawichaa ta’uu kaasuun, waldhabdeewwan naannawichatti mudatan guddina waloorratti dhiibbaa akka qabaatu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan waliigaltee karra galaanaa argachuu wayita taasiftu biyyoota ollaatti fayyadamummaa waloo karaa nagaan mirkaneessuuf ta’uu dubbatanii, gama diinagdee fi baay’ina ummataan yoo ilaalame Itiyoophiyaaf karri galaanaa ni malaaf jedhan.
Waliigaltichi biyyoota lameen injifattoota akka taasisu kan ibsan Dooktar Abiy, waliigalteerra akka ga’amuuf baatiiwwan darban tattaaffii olaanaa kan taasisan Pireezidaantii Turki Rasiip Xayib Erdoohaaniiin galateeffataniiru.
Pireezidaanti Rasiip biyyoota lameen waliigalchuurra darbee naannawichatti nageenya mirkaneessuuf tattaaffii taasisan dinqisiifataniiru.
Miikiyaas Ayyallaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia