Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Al Faxirii dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii hawaasa Musiliimaa fi Ummata Ityoophiyaa maraaf dabarsaniiru.
Ayyaanni Iid Al Faxirii ayyaanaa guddaa guyyaa xummura Sooma Ramadaanaa ta’uu ibsan.
Hawaasni Musiliimaa baatii tokko guutuu Soomaa fi kadhannaan dabarsuun guyyaa xummuraa eebba uumaa itti argatu guyyaa addaati jedhan.
Guyyaa Iid hawaasni Musiliimaa walitti qabamuun Sagada Solaat Iid raawwatu.
Kunis walitti qabamuu keessa gamtaa fi ciminni jiraachuu agarsiisa jedhaniiru.
Harki Allaahi namoota iddoo tokkotti walitti qabaman gidduutti argama jechuun amantichaan ni lallabama jedhan.
Walitti qabamuu keessaa walgargaasa, jajjabinaa fi tumsatu jira jedhan.
Inni tokko hanqina nama tokkoo uwwisuuf carraa argamsiisa.
Ayyaanni Iid Al Faxirii bara kanaa wayita Ityoophiyaan qormaata hedduu keessa jirtuutti ta’uu kaasaniiru.
Yeroo gufuun daandirratti daraan heddumatutti ta’us haqni hin hubatamne jira jedhan.
Jaalalaan malee humnaan kan hin jilbiiffanne, dhugaa fi haqaaf malee kan hin bitamnee, faayidaa biyyaalessaa dabarsinee kan hin laanne ta’uu keenyaa seenaan ragaadha jedhan.
Ashaaraan seenaa keenyaa yeroo kamiiyyuu calaqqisuun ni jiraata.
Diinni hanga fedhe dhama’us ejjennoon dhaabbachuuf murteessuu qabna jedhan Dooktar Abiy.
Yeroo hammaataa kana akka Soolaata Iid walitti qabamnee tokkummaan darbuun akka barbaachisu ibsan.
Qormaata nu muudataan tokkummaan ce’uurra darbee Carraan Ityoophiyaa kan murtaa’u qaama biroon osoo hin taane nuun ta’uu addunyaatti agarsiisuu qabna jedhan.
Akka lallaba amantaa Islaamaatti namni tokko faayidaa dhuunfaa isaa qofaaf yoo jiraate, jireenyi isaa hiikoo hin qabu.
Hawaasni keessa jiraatu beela’ee, inni quufee ooluun, ollaan jeeqamee, inni nagaan jiraachuun, biyyi rakkatee inni badhaadhee, naannoon isaa xuraawaa ta’ee inni qofaa isaa qulqulluu ta’us uumaarraa eebba hin argatu jedhan.
Haalli amma Ityoophiyaa keessa jirus dhuunfaa keenyaaf qofa osoo hin taane birmadummaa waloof yaaduu barbaada jedhan.
Jireenya mijataa dhuunfaa caalaa nageenya waloof dhama’uun yeroo daraan barbaachisuu ta’uu qaamni kamuu hibachuu akka qabu ibsaniiru.
Sababa hidha haaromsaa fi filannoo marsaa 6ffaaf Ityoophiyaan qormaata hedduu agarteerti jedhan.
Filannichi milkiin xummuramuun boqonnaan Diimookiraasii haaraan akka banamu ifaadha jedhan.
Hidha haaromsaa xummuruunis gara Badhaadhinaa guddaatti akka nu ceesiisu lammiileen Ityoophiyaa hundi ni hubata.
Tuttuqaan diinootaa irra deddeebiin nurratti akkeekkamus kanarraa ka’ee ta’uu hubatamuu akka qabu eeran.
Tokkoon tokkoo keenya ejjennoo siyaasaa fi ilaalcha garaagaraa qabaannus biyyaa fi ummata tokko waloon qabna jedhaniiru.
Walii yaaduu fi biyya keenya wayita jaalachuu eegallu amantiin keenyaa caalmaatti guutu ta’a jedhan Dooktar Abiy ibsa laataniin.
Jala bultii ayyaana Iid Al Faxiriirratti waa’ee dhiifamaa, araaraa fi jaalalaa malee jibbaa fi qoodinsa yaaduun hin malu jedhan.
Yeroo itti aanus waa’ee tokkummaa malee qoodinsa kan itti facaasnu akka hin taane abdiin qaba jedhan.
Dooktar Abiy, akkumaa Baatii qulqulluu Ramadaanaa keessa biyya keenyaaf nagaan ,eebbii fi jaalalli akka bu’a Soomaa fi Kadhannaa taasiifamaa ture, yeroo itti aanus ummata biyya keenyaaf kadhannaa taasiisuun akka ittio fufu gaafataniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaanni Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaan ayyaana gammachuu, Badhaadhinaa, jaalalaa fi nageenyaa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.