Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Godaambaa Biilaaluul Habashii daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godaambaa Biilaaluul Habashii daawwataniiru.
Godaambaan Biilaaluul Habashiin seenaa fi Hambaa Musiliimoota Ityoophiyaa kan beeksiisuudha jedhame.
Godaambicha keessa erga amantaan Islaamaa gara Ityoophiyaa galee seenaan jiran qindaa’anii argamu jedhameera.
Qura’aannii fi Kitaaboonni baroota dheeraa dura barreeffaman Godaambicha keessatti kan argaman ta’uu eerameera.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiin seenaa Ityoophiyaa beeksiisuu sirnaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Alaazaar Taaddaleetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.