Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota siyaasaa fi nageenyaa Naannoo Tigraay waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2017 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota waliigalaa bulchiinsaa fi nageenyaa ilaalchisee hoggantoota siyaasaa fi nageenyaa Naannoo Tigraay fi hoggantota sadarkaa federaalaa waliin mari’ataniiru.

Marichis rakkoolee Naannoo Tigraayitti mul’atan waloon furuurratti kan xiyyeeffate ta’uun beekameera.

Marichaanis dhimmoota ijoo irratti kallattiiwwan waloo kaa’aman bu’uureffachuun waloon hojjechuu fi nageenya, bulchiinsa gaarii fi fedhii misoomaa ummata naannichaa guutuuf, haalaa mijataa uumuuf waliigalteerra ga’amuun himameera.

Keessumaa lammiilee qe’ee isaaniirraa buqqa’an haalaa deebi’uu danda’an, hidhattoonni gara jireenya idilee isaaniitti akkaataa deebi’uu danda’anirratti xiyyeeffannoon hojjechuu fi saffisiisuuf waliigalteerra ga’amuu eerameera.

Dabalataan qabeenya uumamaa naannichaa fayyadamuuf karaa seera qabeessa ta’een faayidaa biyyaa fi ummataa haala eegsisuun akka ta’u, tajaajiloota mootummaan ummataaf kennu fooyyessuu fi fedhii ummataa kan madaalan akka ta’an, akkasumaas hojii cimaan fudhatama qaban akka hojjetaman kallattiin kaa’ame marichaan adda baafamuu kaasaniiru.

Bulchiinsi yeroos, filannoon naannichaa hanga gaggeeffamutti itti gaafatamaa isaa akkataa bahachuu danda’urratti kallatti kaa’uun marichi xumuramuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.