Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy jila Preezdaantii Zimbaabuwee simatan

Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila Preezdaantii Zimbaabuwee Emarsan Minaangaagwaan simachuun dubbisaniiru.
Jilichi kallattii Gamtaan Afrikaa kaa’een seenaan Afrikaa waggaa 500 sirriin akka galma’uuf ‘Kitaaba dhugaa Afrikaa yooka African Fact Book’ jedhamuun qophaa’e Dooktar Abiyyiif gumaacheera.
Dhugaa, aadaa fi seenaa Afrikaa sirrii addunyaaf beeksiisuun ajandaa bara 2063f faayidaa qabaachuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni agarsiisa.
Jilichi kitaabicha gumaachuun ga’ee Ityoophiyaan bilisummaa Afrikaaf baatee fi deeggarsa yeroo itti aanu Paan Afrikaaniizimiif taasiiftu dinqisiifachuun beekkamtii laateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.