Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy lammiilee Tigraayiif birrii kuma dhibba 2 fi kuma 16 deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaniif Birrii kuma dhibba 2 fi kuma 16 deeggarsa taasiisaniiru.
Dooktar Abiy haaluma waadaa galaniin galii gurgurtaa Kitaabaarra argatan Birri kuma dhibba 2 fi mindaa isaaniirraa Birrii kuma 16 deeggarsa taasiisaniiru.
Dooktar Abiy dabalataan Konkolaattoota Boottee bishaan deddeebisan 3 mijeessuun bulchiinsa yeroof akka qaqqabu taasiisaniiru.
Hoggantuun Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaa aadde Iteenash Niguseen Dooktar Abiy bakka bu’uun deeggarsich bulchiinsa yeroo naannichaaf laataniiru.
Qaamoleen biroos fakkeenyummaa Muummee Ministiraa kana hordofuun lammiilee naannichaa deeggarsa isaan barbaachisu akka deeggaran waamichi dhiyaateera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.