Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Preezdaantoota naannolee fi hoggantoota boordii Filannoo waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Preezdaantoota naannolee fi hoggantoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin intarneetiin mari’ataniiru.
Raawwii hojii qophii filannoo marsaa 6ffaa fi hanqinoota muudatanirratti marii taasiisuu isaanii Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Buufataaleen filaannoo haalaan qophaa’uu mirkaneessuu fi filattoonni akka galmaa’aan taasiisuuf kallattiin kaa’amuu himaniiru.
Lammiileen hundi yeroo itti aanu kaardii filannoo akka fudhatan nan jajjeessa jedhan.
Dooktar Abiy Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa diimookiraatawaa taasiisuuf hundi keenyaa ga’ee nurraa eeggamu yaa baanu jedhan
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.