Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa Itti aanaa preezdaanti Komishinii Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Ministirri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa Itti aanaa preezdaanti Komishinii Gamtaa Awurooppaa Firaansi Tiimarmaansi waliin mari’ataniiru.
 
Turtii isaaniin hariiroo Ityoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa irraatti mari’ataniiru.
 
Waliinga’iinsa humnaa, qabeenya qilleensaa fi sirna dhiyeessi bishaanii, misooma bosonaa, oomishtummaa qonnaa akkasumaas damee biroorratti mari’ataniiru.
 
Wayita kana Itti aanaa preezdaanti Komishinii Gamtaa Awurooppaa Firaansi Tiimarmaansi hojii damichaan hojjetaman irratti mootummaa Ityoophiyaa dinqisiifataniiru.
 
Komishiniin Gamtaa Awurooppaa damichaan Ityoophiyaa waliin hariiroo qaban cimsuun akka hojjetan mirkaneessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.