Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Iyoob Takkaaliny Ityoophiyaatti filannoowwan ivastimantiirratti dhaabbilee Faransaayiif ibsa laatan

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC)-Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyoob Takkaaliny Ityoophiyaatti filannoowwan ivastimantii jirurratti dhaabbilee Faransaayiif ibsa laataniiru.
Dooktar Iyoob Ityoophiyaatti carraawwan invatsimantii beeksisuuf marii gaggeessaniiru.
Mariichaarratti Faransaayii keessaatti kan argaman waldaan dhaabbilee gurguddoon hirmaataniiru.
Ityoophiyaan diinagdee biyya keessaa fooyyeessaa jiraachuu ibsuun, biyyattitti invastimantii kallattii alaa guddisuu xiyyeeffannoon hojjetamsa jira jedhaniiru.
Ityoophiyaatti baatiiwwan 6 keessaatti invastimantii kallatti alaarra galiin doolaarri biiliyoonni 1.6 galmaa’eera jedhan.
Ityoophiyaa dameewwan invansiimantii agroo proosasiing, tuuriziimii, maanufaakchariing, albuudaa fi infoormeeshinii teeknooloojirrati xiyyeeffannoo akka laattuu Dooktar Iyoob himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.