Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaa Taaddasaa hawaasni talaallii Vaayirasii koronaa akka talaalamu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) –Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktara Liyaa Taaddasaa talaallii vaayirasii koronaa hawaasaaf kennamaa jiru hawaasni akka talaalamu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Weeraricha to’achuuf talaalamuun dhimma murteessa ta’uu karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
 
Dandeettiin madinummaa namoota talaalamanii fooyya’aa ta’uu eeruun, carraan dhukkubichi ittii cimuu fi du’aaf saaxilamuu isaaniis gadaanaa ta’uu himaniiru.
 
Yeroo ammaa Ityoophiyaattii namoonni miiliyoona 24.5 kan talaallii fudhtan ta’us, namoonni kuma dhibba 3 fi 42 fi namoonni 108 baatii ja’a booda talaallii dabalataa kennamu fudhachuu isaanii himaniiru.
 
Haaluma kanaan waliin ga’iinsaa isaa foyyessuun duulli talaallii vaayirasii koroonaa marsaa biroon eegaluu himaniiru.
 
Kanaaf namoonni umriin isaanii waggaa 12 ol ta’e akka talaalamanii fi erga talaalamanii baatiiwwan ja’a booda talaallii dabalataa fudhachuun, ofii isaanii fi hawaasa isaanii vaayirasicharraa akka ittisan waamicha dhiyeessaniru.
 
Duulli talaallii vaayirasii koroonaa marsaa 3ffaan kaleessarraa eegalee kutaalee biyyattii garagaraatti kennamaa kan jiruudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.