Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaan daayreektara Baankii Addunyaa Ityoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa daayreektara Baankii Addunyaa Ityoophiyaa Osmaan Diyoo waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin proojaktii galtee itti fufiinsa fayyaa fi dhibee tasaa vaayrasii koroonaa raawwii deggarsa fayinansii Baankii addunyaarra taasifamu kara ariifachiisuun danda’amuurratti kan xiyyeeffatedha.

Ityoophiyaattis cee’umsa seektara fayyaatin hojiiwwan hojjeetaman irrattiis marii taasisu isaanii ragaan Baankii Addunyaa Ityoophiyaarraa argannee ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.