Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaan gita isaanii Noorwey waliin fayyaa fi odeeffannoo fayyaa teekinooloojiin utubuurratti mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, gita isaanii Noorwey Ingiviildi Jarkaal waliin fayyaa fi sirna odeeffannoo fayyaa  teekinooloojiin utubuuf haalota dandeessisan irratti mari’ataniiru.

Yaa’ii Fayyaa Addunyaa 75ffaa Siwiizarlaand Jeneevaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti, ministiroonni biyyoota lameenii fayyaa fi sirna odeeffannoo fayyaa teekinooloojiin utubuu, qorannoo fi qo’annoo ijaarsa dandeetti akkasumas beekumsaa waljijjiirurratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin Ministirri Fayyaa Doktar Liyaan, Ityoophiyaatti lammiilee walitti bu’iinsaan miidhaman gama deeggaruutiin Noorwey deeggarsa akka taasistu gaafataniru.

Ministirri Fayyaa Noorwey Ingiviildi Jarkaal gama isaaniin, damee fayyaan Ityoophiyaa waliin qindoominaan hojjechuu cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.