Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaan miseensota Koree farra dhibee Pooliyoo kilabii Rootarii Ityoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan miseensota Koree farra dhibee Laamsheessaa daa’immanii kilabii Rootarii Ityoophiyaa waliin mari’ataniiru.
Dura teessuu korichaa Tigisti Yilmaa fi Andireew Isteeyin waliin mari’ataniiru.
Dhibee Pooliyoo sadarkaa Afrikaa fi addunyaatti bifa haaraan muudataa jirurrratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii ibsameera.
Dhibee Laamsheessaa daa’immanii to’achuu fi talaallii isaa babal’isuuf hojiilee sadarkaa biyyaalessaatti hojjetamaa jiru ilaalchisee Dooktar Liyaan ibsa taasiisaniiru.
Daa’immaan dhibichaaf saaxilamoo ta’anii fi tattaaffii Ityoophiyaan dhibicha balleessuuf taasiisaa jirtu haala tumsuun danda’amurratti mari’achuu Dooktar Liyaan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.