Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Mulaatun mootii Saawdii Arabiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashooman mootii Saawdii Arabiyaa Salmaan Biin Abdul Aaziiz Al Saa’ud waliin mari’atan.
 
Dooktar Mulaatuu Tashooman mootii Saawdii Arabiyaa fi eegduu olaanaa masjiidota qulqulluu lamaanii mootii Salmaan Biin Abdul Aaziiz Al Saa’ud waliin magaalaa Riyaad masaraa Al Yaamamaatti mari’ataniiru.
 
Turmaata isaanitiin hariiroo Ityoophiyaa fi Saawdii Arabiyaa cimsuuf mari’ataniiru.
 
Maricharrattis Riyaaditti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Abdulaaziiz Ahimad, ministirri Ministeera Dhimma Alaa Saawdii Faysal Biin Faarhaan Biin Abdullaah, ministir deettaa fi miseensi kaabinee akkasumas gorsaan dhimma nageenya biyyoolessaa Dooktar Musaa’aad Biin Muhaammad Al Aybaan, ministir deettaan dhimmoota Saawdii Arabiyaa fi Afrikaa Ahimad Qaaxaan hirmaataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.