Fana: At a Speed of Life!

Doonaald Traamp faayidaan addaa Hoong Koong Waashingitanirraa argattu akka adda citu ajejan

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp mirgi faayidaa addaa Hoong Koong Waashingitanirraa argattu akka adda citu ajejan.
 
Traamp guyyaa har’aa magaalattiin kallattii hundaan faayidaan addaa Waashingitanirraa argattu akka adda citu murtoo Preezdaantummaa mallatteessaniiru.
 
Tarkaanfiin ammaa kun seeraa nageenyaa Chaayinaan Hoong Koongirratti hojiirraa oolchuuf baafte waliin walqabatee ta’uu ibsameera.
 
Doonaald Traamp haasawa taasisaniin Ameerikaan ammaan booda Hoong Koong ija Chaayinaa ilaaltuun kan ilaaltu ta’uu dubbatan.
 
Akka murtoo Preezdaantichaatti Ameerikaan faayidaa addaa diinagdee fi Teeknooloojii Hoong Koongiif hin laattu.
 
Traamp faayidaa addaa adda kutuu bira darbee baankotaa fi qaamolee seera nageenyaa Chaayinaan Hoong Koongirratti baafteef deeggrasa taasisan hundarratti qoqqoobbii kaa’uuf wixinee raggaasisaniiru.
 
Chaayinaan gama isheen murtoo Traamp dabarsaniif duub deebii kan laattu ta’uu ibsiteerti.
 
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa dhimmi Hoong Koong dhimma Chaayinaa malee dhimma biyya biraa miti, Ameerikaan gidduugaluu hin qabdu jedheera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.