Fana: At a Speed of Life!

Dooniin baqattoota 91 qabattee imalaa turte galaana meditiraaniyaatti badde

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Dooniin baqattoota 91 qabattee imalaa turte galaana meditiraaniyaatti baduun isheen ibsame.

Qarqara liibiyaati ka’uun gara Awurooppaa galuuf dooniin baqattoota Afrikaa 91 feete imalaa turte galaana medetiraaniyaarratti baduu ishee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ejansiin Baqattootaa fi Kiraaysis Hotlaayn beeksise.

Doonittin Liibiyaa magaala gudditti Tiriipoolii qarqara galaana gara Bahaarra ba’uun kan badde jedhameera.

Odeeffannoon baqattoota badanii tookkoyyu akka hin jirre maatiin baqattoota himaniiru.

Maddi:- Asosheedid prees

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.