Fana: At a Speed of Life!

Dooniin Ityoophiyaa 2ffaan fe’umsa meetirik toonii kuma 11 Buufata Barbaraatti buusaa jirti

Finfinnee, Adooleessa 21, 2013 (FBC) – Dooniin Ityoophiyaa Shabalee jedhamtu Sukkaaraa fi Ruuzii meetirik toonii kuma 11 ol Buufata Barbaraatti buusaa jiraachuu Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojastikii Ityoophiyaa beeksiiseera.

Doonittiin Sukkaaraa fi Ruuzii Hindii fe’uun Buufata Barbaraa ga’ee Ityoophiyaarratti buusaa jiraachuu Hojii Raawwachisaa Olaanaan Dhaabbatichaa obbo Roobaa Magarsaa ibsaniiru.

Seenaa Tajaajila Geejjiba Galaanaa Ityoophiyaatti Dooniwwan Ityoophiyaa waggoota 20 booda meeshaalee fe’anii gara Buufata Barbaraatti imalan keessaa Shabaleen ishee 2ffaa ta’uu kaasaniiru.

Buufanni kun Sharafa alaa biyyattiif argamsiisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Daldaltoonni Sumaalerlaandi Buufata kanatti fayyadamuuf fedhii olaanaa agarsiisuu ibsameera.

Dooniiwwan Gibee fi Shabalee jedhaman Koriidarii kanatti tajaajila laachuuf mijatoo ta’uu Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojastikii Ityoophiyaa beeksiiseera.

Walakkaa Baatii Hagayyaatti Dooniin Gibee jedhamtu Ruuzii Meetirik Toonii kuma 15 Buufata Barbaraatti kan buuftu ta’uu ragaan Dhaabbata Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojastikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.