Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii Atleetiksii guddattootaa biyyaalessaa 2ffaa naannoon Oromiyaan olaantummaan xummure

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Waldorgommii Atleetiksii guddattoota Biyyaalseessa 2ffaa magaalaa Asallatti gaggeeffameen naannoon Oromiyaa sadarkaa 1ffaan xummureera.
Jilli Atileetiksii guddattoota Oromiyaa qabxii waliigalaa 642 walitti qabachuun olaantummaan goolabeera.
Jilli Atileetiksii guddattoota Oromiyaa Koorniyaa lamaniinuu sadarkaa 1ffaan xummuruu ibsameera.
Haaluma kanaan qabxii waliigalaa dubartootaan naannoon Oromiyaa qabxii 307 galmeessuun sadarkaa 1ffaan yoo xummura, Akkaadaamiin Xurunash Dibaabaa qabxii 134’n sadarkaa 2ffaa, Naannoon Kibbaa qabxii 129.5 argachuun sadrkaa 3ffaa argateera.
Morkii dhiirootaanis naannoon Oromiyaa qabxii 335n 1ffaa,Akkaadaamiin xurunish qabxii 163’n sadarkaa 2ffaa, Naannoon Sidaamaa qabxii 92 sadarkaa 3ffaan xumureera.
Jila Atleetiksii guddattoota Oromiyaa waldorgommii guddaattootaa biyyaalessaa 2ffaa kanarrattii hirmaatanii qabxii gaarii galmeessaniifis badhaasni mallaqaa fi meedaaliyaa laatameera.
Komishinarri Komishinii Ispoortii Oromiyaa obboo Naasir Huseen Ispoorteessitoota biyyaa bakka bu’uun maqaa biyyattii sadarkaa idil addunyaatti waamsiisaan horachuudhaaf guddattootarratti xiyyeeffatamee hojatamuu qaba jedhan.
Karoora kana milkeessuuf giddugalli Ispoortii iddoo garagaraatti ijaramaa jiraachuu obboo Naasir Huseen dubbachuu isaanii ragaan Koomishinii Ispoortoii Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.