Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii fi Feestivaalli Ispoortii aadaa magaalaa Finfinnee 11ffaan eegalame

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Magaalaan Finfinnee waggaa waggaan kan qopheessu dorgommii fi Feestivaalli Ispoortii aadaa 11ffaan har’a qopheessummaa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalliin eegalameera.

Kutaa magaalaa Lammii Kuraa ala kutaaleen magaaloota kurnanu kan irratti hirmaatan yoo ta’u, Ispoorteessitoonni 500 bakka argamanitti Feestiivaalichi eegalamuu Komishinarri Komishinii Ispoortii magaalaa Finfinnee obbo Balaay Dajan ibsaniiru.

Mootummaan Ispoortii aadaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tarsiimoo komishinichaa waggaa 10 keessatti Ispoortiin aadaa xiyyeeffannoo olaanaa akka argatu ni hojjetama jedhaniiru.

Ispoortiin Aadaa kun ayyaana Qillee dhufuuf miidhagina kan laatu ta’uu hojii raawwachiiftuu olaantuun kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallitti aadde Fatayaa Mahaammad eeraniiru.

Dorgommii fi Feestiivaallichi mata duree ‘ weerara covid-19 ittisuuf sosochiin Ispoortii aadaa hunda akka ga’u ni hojjenna’ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Feestiivaalichaan taphni qillee, darbannaan eeboo, gugsiin fardaa fi taphoonni aadaa hedduun kan dorgomamu ta’uu eeruun, sirnichi hanga Amajjii 2, 2013tti kan turu ta’uu dubbataniiru.

Ispoorteesitoonni dorgomichaan qabxii olaanaa galmeessanii fi ga’umsa gaarii agarsiisan Feestivaala fi dorgommii Ispoorti aadaa akka biyyaatti qophaa’urratti Finfinnee bakka bu’uun kan hirmaatan ta’uu komishinichi beeksiseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.