Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii olompiikii addaa Afrikaa kaleessa xumurameen Ityoophiyaan meedaaliyaa 7 argatte

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) –Dorgommii olompiikii addaa Afrikaa kaleessa xumurameen Ityoophiyaan meedaaliyaa 7 argatte.
 
Dorgommiin olompiikii addaa gosa ispoortii ispoorteessitoonni hanqina guddina sammuu qaban irratti hirmaatanidha.
 
Dorgommichi Gibts Kaayrootti gaggeeffamaa kan ture yammuu ta’u, taphoonni atleetiksii, kubbaa miillaa, saaphanaa fi booshiyaa gaggeeffameera.
 
Garee Ityoophiyaatin ispoorteessitota 4n, meedaaliyaan 7 argameera.
 
Meetira 100 meedaaliyaa argame sadiin ala, meetira 200 warqeen 1 fi maaldaan 3 argameera.
 
Meetira 200 Atleet Miiliyoon Yaadataa warqee lammaffaa argamsiisera.
 
Atleet Tigist Ugaasaa, Atleet Ma’aazaa Eeliyaasii fi Atleet Biruuk Alamaayyahu meedaaliyaa maaldaa 3 argataniiru.
 
Dorgommii kanaan warqee 2, meetii 1 fi maaldaan 4 argameera.
 
Gareen Ityoophiyaa har’a ganama Finfinnee galuusaa daayreektarri Olomiika Addaa Ityoophiyaa Yoonaas Gabramaariyaam Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.