Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin liigii kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaa olaantummaa kilaba kubbaa miilaa Magaalaa Duukamiin xummurame

Finfinnee, Eebila 3, 2013 (FBC) — Shaampiyoonaan moo’a moo’attootaa liigii kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaa guyyoota 15f gaggeeffaammaa ture olaantummaa kilaba kubbaa miilaa Magaalaa Duukamiin xummurame.

Ji’oottan sadan darbaniif ramaddii 7ttii qoodamuun kilaboota 47 gidduutti gaggeeffama kan tiru taphni kilaboota kubbaa miilaa liigii Oromiyaa har’a Magaalaa Cirootti xummura yoo argatu Duukam shaampiyoonaa ta’eera.

Kilabni kubbaa miilaa Magaalaa Duukamiifi Ammaayyaan waancaadhaaf kan ga’an yoo ta’u Duukam rukuttaa adda ba’iinsaa Ammayyaa injifachuun shaampiyoonaa mo’aa mo’attootaa kilaboota liigii Oromiyaa kan bara 2013 ta’eera.

Tapha sadarkaadhaaf taasifameen ammoo Magaalaan Limmuu Gannat Magaalaa Buusaa 1 fi 0 dhaan injifachuun sadarkaa 3ffaadhaan xumuruu danda’erra.

Kilaboonni sadarkaa 1- 4 qabaachuun xummuran Oromiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa kubbaa miilaa naannoolee Ityoophiyaarratti kan hirmaatan ta’a.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.