Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin Liigii Kubbaa Miilaa Dubartoota Oromiyaa Marsaa 3ffaan kaleessa Magaalaa Ambootti eegalame

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC ) – Dorgommiin Liigii Kubbaa Miilaa Dubartoota Oromiyaa Marsaa 3ffaan kaleessa Magaalaa Ambootti eegalame.

Dorgommicha irratti Kilaboonni kubbaa Miilaa Bulchiinsota Magaalaa Bishaan Gurraacha, Sulultaa, Adaamaa, Asallaa, Mojoo,Naqamtee fi Sabbataa hirmaataa jiru.

Sirna baniinsaa Dorgommichaa irratti kan argaman Itti Gaafatamaan Waajira Federeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa, obbo Firoomsaa Laggasaa liigichi kilaboota 4 qofaa hirmaachisuun kan eegale ta’us, amma kilaboota 7 hirmaachiseera,hawwatamummaansaas dabalaa dhufeera jedhan.

Akka OBN gabaasetti, Guyyaa kaleessa tapha baniinsaan Sulultaan 3-0 Sabbataa injifateera.

Har’a Adamaan Naqamtee , Asallaan Mojoo Waliin morkatu jedhameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.