Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin maaraatoonaa Qananiisaa fi Kiipchoogee hawwiidhan eegamaa jira

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Dorgommiin maaraatoonaa Qananiisaa Baqqalaa fi Kiipchoogeen magaalaa Landanitti taasisan hawwiidhan eegamaa jira.
 
Atleet Qananiisaa Baqqalaa fi atleetiin Keeniyaa Eeliyuud Kiipchoogeen dorgommii maaraatoonaa Landan bara Faranjootaa Eebila 26, 2020tin walfalmu.
 
Qananiisaa sa’aa ariitii addunyaa yeroo maraa 2ffaa kan galmeessise yammuu ta’u, Kiipchoogeen ammoo abbaa riikardii maaraatoona addunyaati.
 
Qananiisaan dorgommii maaraatoonaa Fulbaana darbe Barliinitti taasiseen yoo injifatu, riikardii addunyaa Kiipchoogee cabsuuf sakandii 2 qofatu isa hafe ture.
 
Daayreektarri maaraatoona Landan Huuf Bireeshar dorgommii atleetota lamaanii addunyaan daawwachuuf hawwiidhan eegaa jira jedhaniiru.
 
Dorgommicharratti atleetonni Ityoophiyaa Muussinnat Garramawii fi Mulee Waasihuun ni hirmaatu.
 
Kiipchoogeen Onkololeessa keessa fiigicha maaraatoonaa Veenaatti taasifameen, sa’aa 2 gadiin( sa’aa 1 fi daqiiqaa 59 fi sakandii 40) xumuruun isaa ni yaadatama.
 
Kiipchoogeen bara Faranjootaa 2013 eegalee dorgommiiwwan maaraatoonaa 12 irratti hirmaachuun 11 injifateera.
 
Qananiisaa fi Kiipchoogeen si’a 14 traakiirratti wal dorgomanii, 11n isaanii Qananiisaan injifachuu danda’eera.
 
Dorgommii daandirraa 4n walarganii, Kiipchoogeen injifachuun isaa ni yaadatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.