Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin qaxxaamura biyyaa Hurufa Boombii ( Jaan-Meedaa)37ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 17, 2012 (FBC) – Dorgommiin qaxxaamura biyyaa Hurufa Boombii idila addunyaa 37ffaan guyyaa har’aa gosoota Ispoortii 6 gaggeeffameera.

Fiigicha kiloo meetira 6 dargaggoota dubartootaa gidduutti gaggeeffameen, Atleet Baqqalach Takluu Oromiyaa irraa 1ffaa, Mal’aaknaat Wudduu Amaaraa irraa 2ffaa, Amiinaa Ahimaad Magaala Hawaasaa irraa 3ffaa ba’uun injifataniiru.

Fiigicha kiloo meetira 8 dargaggoota dhiirootaa gidduutti gaggeeffameen, Atleet Barrihuun Aragaawii Konistiraakshinii suur irraa 1ffaa,Barakat zallaqaa fi Addis Yihuunee naannoo Amaaraa irraa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

Dorgommii walmakaa ulee walii kennuu Naannoon Oromiyaa 1ffaa, dhaabbanni Dizzaayinii fi To’annoo Bishaan Oromiyaa 2ffaa, akkasumsa bulchiinsi magaalaa Adaamaa sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.

Fiigicha kiloo meetira 10 ga’eessoota dubartootaa gidduutti gaggeeffameen Atleet Tsigee Gabrasalaamaa Poolisii naannoo Tigraay irraa 1ffaa, Footan Tasfaayee Simintoo Mosaaboo irraa 2ffaa fi Shuree Damissee Poolisii Oromiyaa irraa 3ffaa ba’uun injifataniiru.

Dhiirootaan ammoo Nibrat Malaak naannoo Amaaraa irraa 1ffaa yoo ba’u, Asirasee Geetaahuun manneen sirreessaa naannoo amaaraa irraa 2ffaan, Didhaa Lammaa Oromiyaa irraa 3ffaa ba’uun dorgommii Hurufa Boombii kana olaantummaan xumuraniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.