Fana: At a Speed of Life!

Du’atii daa’imman reefu dhalatanii hir’isuuf hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa hojiin du’atii daa’imman reefu dhalatanii hir’isuuf hojjetamu xiyyeeffaannoo olaanaa argachuu akka qabu gaafate.
Ityoophiyaatti daa’imman reefu dhalatan kuma 1 keessaa 33 kan du’an ta’uu ogeeyyiin damichaa ibsaniiru.
Bara Faranjootaa 2016 daa’imman dhalatan kuma 1 keessaa 29 lubbuun darbaa kan turan yoo ta’u, yeroo as hammi isaa dabalaa dhufuu ibsameera.
Kunis waggaatti daa’immaan reefu dhalatan kumni dhibbi 1 lubbuu kan dhaban ta’uu agarsiisa jedhame.
Waggoottaan 10 darban keessa du’aatii haadholii hir’isuun danda’amus du’aatiin daa’immaan reefu dhalatanii garuu sadarkaa yaaddeessarra ga’uu itti aanaan daayreektara olaanaa Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Geetaachoo Toleeraan ibsaniiru.
Ukkamamuun,Infeekshinii fi yeroo malee dhalachuun du’aatii daa’immaniif sababa olaanaa ta’uu himaniiru.
Akkasumas hordoffii da’umsaan duraa sirnaan taasiisuu dhabuun, buufata fayyaatti da’uu dhabuun, buufata fayyaatti dahanis tajaajila qulqullinaa fi ga’umsa qabu arachuu dhabuun du’aatii daa’imman reefu dhalataniif sababa ijoo ta’uu Dooktar Geetaachoon eeraniiru.
Hanga bara 2030tti du’aatii daa’imman reefu dhalatanii gara 12 gadi buusuuf karoora qabame milkeessuuf mootummaa fi qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban Dooktar Geetaachoon waamicha dhiyeessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.